Gumii IHADEG Saglaffaa - Ija Xiinxalaa Siyaasaan

  • Namoo Daandii
Paartiin aangoo mootummaa harkaa qabu IHADEG Koongiresa isaa sagalaffaa irratti wanna haaraa as baase hin qabu. Wanni haaraan hagi tokko ka mul’ate gumiilee paartiwwan miseensota Ihadeg afuranii dursanii geggeessaman irratti, jedha – as Yunaayitid Isteetis, Kolombiyaa Yunivarsitii keessatti barnoota siyaasaa sadarkaa ol’aanaa irra ka jiu – Jawaar Mohammed.

“Irra caalaa jijjiiramni qalbii namaa hawatu ka mul’ate paartiilee miseensota Ihadeg lama: Dhaabbata Dimookitaatawa Uummata Oromoo yokaan OPDO fi Sochii Biyyoolessaa Saba Amaaraa yokaan BIADEN keessatti” ka jedhu – Jawaar Mohammed, “lameen keessatti jijjiiramni mul’ate ka wal-faallessu. OPDO keessatti hoogganoota gameeyyii fi muuxannoo-qabeeyyii dhaabicha keessa turan akka Obbo Abbaa-Duulaa Gammadaa fi Obbo Girmaa Birruu faa koree hoji-geggeessituu keessaa baasanii gara Koree gidduutti gad-buusan, faalla isaa: BIADEN keessatti immoo hoogganaa gameessa waggaa lamaa fi walakkaa dura Gumii dhaabichaa saddeetteffaa irratti soorataan akka ba’an taasisaman, Obbo Addisuu Leggesee faa koree hoji-geggeessituu dhaabichaatti deebisan,” jechuun itti fufee ibse.

Kunis maaliif akka ta’e gad-fageenyaan ennaa ibsu, “OPDO keessatti akka lakkoobsa Awurooppaatti bara 2010 irraa jalqabee hoogganoota gameeyyii dhaabicha keessatti hoogganoota fudhatama guddaa qabanii fi uummata birattis hojii isaaniin jaallatama argatan taayitaa irraa buusuuf gama hoogganoota haga xiqqoo Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayitti hidhata jabaa qabaniin carraaqqiin godhamaa ture. Yaaliin kun dhaabicha keessatti qoqqoodaminsa uume, amma waan ta’es qaamuma wal’aansoo sanaa ti,” jedha – Xiinxalaan siyaasaa, Jawaar. Kanaa fi ka biroof xiinxala bal’aa kennee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa qophichaa as irraa dhaggeeffadhaa