Guddinnii Ispoortii Oromiyaa Akkamitti Deemuutti Jira?

Shaampiyoonii manneen barnootaa dhiyoo dhumate,Maratoonii Oromiyaati fi Tapha Guutuu Oromiyaatti itti aana.Tuttun waan Federeshiiniin Ispoortii Oromiyaa dhiyoo tana qoqopheessuutti jiru.

Taatullee akkii warri keessa beeku jedhutti Federeshiiniin Ispoortii Oromiyaa akka silaa hojjachuu maletti hojjachuutti hin jiru.

Waan Federeshiiniin Oromiyaatti hojjachuutti hin jiru jedhaniin keessaa; dorgommii qophii guddoo malee qopheessuu,gadi bu’ee godina cufaa waliin gahee ispoortii qopheessuu hanqachuu,maqaa atileeti Abbebee Biqilaatiin dorgommi qopheessuu dadhabuu, marsaan interneetii isaanii hojjachuu dadhabuu fi waan hedduu.
Taatullee Obbo Neggaa Tujubaa,I/G Tekinikaa Federeshiinii Ispoorti Oromiyaa jedhetti rakkoolee jedhan hagii jiru jiraatullee;akka duriitiin yoo walti laalan isumaa wayyaahaa deemuutti jirti.

Gama kubbaa miilaalleen Oromiyaan naannolee hedduun yoo walti ilaalan dura jirtii akka jecha obboo Neggaatti.

Isan ammoo maan jettan?Woma taateefuu, Oromiyaan dhiyoottuu Ambootti dorgommii maratoonii km 42 fi km 21 qopheessitii itti aantee ammoo dorgommii Guutuu Oromiyaatti dhufa.

Mee waan obboo Neggaa gaafannellee caqasaa karaa silaa Oromiyaatti Ispoorti guddisuu malalaniinillee irratti yaada keessan nuu dhaamaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Mee tana ammoo caqasaa