Oromummaan Maalii ?

  • Jaallannee Gammadaa
Uummanni Oromoo mootummoota darbaa dabarsa isa bulchaa turaniin eenyummaa isaa akka dagatu ta’e kan jedhan Profeessar Asaffaa Jaallataa yunivarsitii Tennasii irraa kanneen baratan illee ituu hin hafin seenaa fi aadaa kan biraa akka baratan taasifaman jedhu.

Kanaaf jecha Oromummaan jabaatee akka gad dhaabatu gochuuf bu’uura kan ta’e sirna Gadaa caalaatti hojii irra oolchuun barbaachisa dha jedhan.

Oromoon sadarkaa biyyooleessaatti walii isaa gidduutti akkasumas kanneen yaada wal fakkaataa qaban kan sadarkaa addunyaa wajjin hiriiruun barbaachisaa ta’uu hubachisan Proffessar Asaffaa Jaallataa.

Nama tokko oromummaa isaa kan isa wallaalchisu wallaalaa ta’uu isaa qofa jedhan

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii guutuu armaa gadiitti caqasaa