Atileet Fayyisee Taaddesee Maratoonii Paaris moohatte,Taaddasaa Tolaa Lammeessoo Bahe

Fayyisee Taaddesee Boruu maratoonii km 42 kalee Paarisitti wal dorgoman 2:21:06 moohattee.Gama dhiiraatiin ammoo namicha Keeniyaa Some Peter 2:05:38 galee moohatee Taadesee Tolaatti itti aanee lammeessoo tahe.

Gama kaaniin ammoo Itoophiyaalleetti dorgommii Pirimiyeerii Liigii taphachumatti jiranii garee Deddebit keessaa Getahun Kebbedeetti tapha 13 keessatti goolii 12 galfatee qabxii guddoon dura jira.

Gama kaaniin ammoo dorgommii kubbaa miilaa Waldaa Kubbaa Miilaa Xaliyaanaa,La Liga,ta English,English premier League fi ta Xaliyaanaa Serie A waggaa dabre jalqaban haga ammaatti goolii kuma sadiitti dhiyaattuti galee hagii tokko ji’a dhuf keessa dhumata.Walumattuu garee 60tti taphachuutti jira.

Taphattoota goolii hedduu galchan keessaa tokkoo Lionel Messi goolii 43 Lusi Suarez goolii 22 fi Edison Cavans ammoo dhalootaan innilleen goolii 22 galfate.Qophii Ispoortii ta hardhaa me MP3 irraa caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Mee tana ammoo caqasaa