Dorgommi ‘Guutuu Oromiyaa’ Baranaa Magaalaa Jimmaatti Waancaa Hedduu Argatee Moo’ate

Barana akka bulchootii Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa jedhanitti atileetota kuma hedduutti Arsii,Asallaa fi Bushooftuutti walti dhufee torbaan lamaaf dorgommii gosa 17n wal dorgomaa bahe.

Dorgommiin baranaa dorgommii hammayyaa,ta warra qaamii miidhamee fi dorgommii aadaatiin wal fakkaattu jedhanii fulaa gugurdoo sadiitti qoodan. Walummattuu akka obbo Naggaa Tujubaa,I/G/B Ispoortii fi Dargaggoo Oromiyaa jedhutti magaalaa Jimmaatti waancaa 70 qophaa’e keessaa haga guddaa moo’ate.

Wal dorgommiin Guutuu Oromiyaa ta baranaa 19essoo Jimmatti aantee magaalaa Adaamaatii fi Bushooftuu waancaa hedudun galate.Magaalaan waancaa tokkollee hin argatinilleen hinuma jiran,maan jennaan hagii tokko ispoortii haga diqqaa qofa irratti dorgomee kaan ammoo ka bajatii itti diqqaatelleen hinuma jira.

Dorgommiin Guutuu Oromiyaa tun atileetota dorgommii ‘Guutuu Itoophiyaa’ ganna dhufu naannoo Amaaraattti dorgoman filachuuf nama gargaarti.

Bara dhufu dorgommii ‘Guutuu Oromiyaa’ magaalaa Naqamteetti kopheessa.

Your browser doesn’t support HTML5

Mee qophii teenna ta hardhaa MP3 tana irraa caqasaa.