WASHINGTON DC —
Bara 2011 walitti bu’iinsa Libiyaa keessatti uumame dheessuun Baqatonni hedduun Tunisiyaa seenuun ni yaadatama. Baqattoota kana keessaa carraa biyya sadaffaa keessa qubachuu argatanii kan deeman jiru.
Garuuu kanneen amma iyyuu mooraa Shuushaa kan Tunisiyaa keessa jiraatan achuuma hawaasa biyyatti keessa makamanii akka jiraatan dhaabni baqattootaa kan Tokkummaa Mootummotaa ykn UNHCR ajaja kennee jira.
Bakka bu’an UNHCR kan naannoo akka jedhantti carraan biyya sadaffaa keessa qubachuu waan hin jirreef hawaasa Tunisiyaa keessa qubatanii jireenya ofii gaggeessuu qabu.Garuu, gara biyya irraa dheessaniitti ha deebi’an jenne dirqisiisaa hin jirru, yoo jaalala isaanii ta’e garuu deebi’uu danda’u jedhan.
Baqatonni garu lammiwwan Tunisiyaa Araboota ta’an nama gurraacha ta’e hin jaallatan, kanaaf jecha sodaa nageenyaa qabna jedhu. Gara biyyaatti deebi’uufis mootummaan baqanne amma iyyu aangoo irra waan jiruuf hidhaa fi dararaatu nu eeggata jedhan.