WASHINGTON,DC —
Warrii addunyaan kubbaa miilaa isaan taphatanii fi leenjsian irraa faaydaa hedduu argatte;David Beekamii fi Manajerii garee Manchester United,Alekis Fergusen dhiyoo tana kaan tapha kaan ammoo leenjii dhiisuuf labsan.
Devdi Beekam nama ganna 20 caalaa garee Manchester Yunaytid dabalee Amerikaa fi biyya gara garaa keessa taphachaa bahe.Marroo 400 caalaa taphatee goolii 100 caalaa galafate.Garee isaatii goolii marroo hedduu shaampiyoonaa English Premier League moohachiise.Dorgommii UEFA fi FA CUP ya moohachiise.
Namii kun gaafa gannii isaa 17 taphachuu jalqabe,garee Amerikaa,LA Galaxy dabalee biyya hedduu taphate.Beekam nama maqaan isaa beessisaa fi waan gara garaatiin hojjatame.