Mootummaan Itiyoophiyaa Hiriira Mormiif Balbala Banuufii?

  • VOA
Hiriirri mormii DILBATA dabre kana nagaadhaan magaalaa FINFINNEE keessatti geggeessame Tarii Mootummaan uggura hiriira polotikaa irra kaa’aa ture laaffisuuf deema hamii jedhu kaasee jira.

VOA-irraa PETER HEINLEIN akka gabaasetti hiriirichi Dilbata dabree namoota kuma hedduu hawate. Garuu, kuma meeqa? gaaffii jedhuuf, maddeen adda addaa tilmaama adda addaa kennu. Televiiziyoonni Mootummaa Itiyoopiyaa kuma lamatti tilmaame. Qindeessitooni hiriirichaa garuu, kuma kudha-shanii haga kuma digdamaa ga’a jedhu. Lakkoobsichi meeqa ta’e iyyuu hiriirichi geggeeffamuun dhimma guddaa dha. Bara 2005, ennaa Poolisoonni Mootummaa mormitoota hiriira ba’anii Mootummaan ba’ii filannoo Paarlaamaa dogoggorse jechuun balaaleffatan keessaa rasaasaan ajjeesee jalqabee Mootummaan hiriira mormii akkanaa ehamuun kun ka duraa ti.

Hiiriira DILBATA kanaa tii booda, vidiyooleenii fi suuraaleen marsaalee Interneetii irratti maxxansaman Mootummaan Muummicha-ministaraa HAILE-MARIAM DESSAALENYI Hoogganaa isaan duraa - Obbo MELLES ZEENAAWII-n, uggura haasawa Polotikaa irra kaa’amee ture laaffisaa jiraa laata? oduu jedhu babal’isee jira. Hoogganoonni mormtootaa dhaloonni haaraan ka’aa jiruu? gaaffii jedhus kaasee jira. Kan hiriira sana qineesse Paartiin “SEMAYAAWII PARTY” jedhamu gurmuu xiqqoo Paartii filannoo bara 2005 tii booda diigame irraa adda ba’ee hundeessame.

Hoogganaan SEMAAYAAWII PAARTII Obbo YILIQAAL GEETINNET Paartiin isaanii dargaggoota umuriin soddomii shanii gadii, ka lammiwwan ETHIOPIA - dhibba irraa harka toorbaatama ta’uu fi ilaalcha Polotikaa Maarkisistii dhaloota tokko caalaaf biyyattii dhuunfatee jiru irraa adda ba’uu fedhu ka bakka-bu’u ta’uu dubbatu.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa