Namoonni Syiyaasaa Masrii dhimma Siyaasa Itiyoopiyaa Keessa Seenuuf Mari’atan

  • VOA
Mariin namoota polotiikaa massrii kan geggeessame torban darbe mootummaan Itiyoopiyaa laga Abayaa haga tokko haala mijataa ta’een maqsuu eegaluu isaa waan labseef jecha.

Namoonni Polotiikaa masrii fi qorattoonni imaammataa akkasumas uummati Masrii guutummaan hiyummaa bishaanii isaan mudachuuf jiru ibsuu dhaan ijaarsa ittisa laga Abayaa ilaalchisee mari’ataa turan.

Hoogganaa paartii Musliimaa kan ta’an Yuunus Maakiyuu fi namoonni siyaasa biyyattii kanneen biroon hidhattoota mootummaa Itiyoopiyaa waraanan bobbaasuu fi deggeruu qabee Masriin xayyaara haleellaa ittiin geessistu bitaa jirti oduun jedhu bittimsuu marii jedhu dhiyeessaniiru.

Hoogganaan garee mormituu Masrii aymen Nuur yaada armaan gadii dhiyeessaniiru. Masriin Embasiin ishee kan Ethiopiaa keessaa dabalatee biyyattii keessatti kanneen bobba’an namoonni siyaasaa fi kanneen odeeffannoo basaasaa walitti qaban tarkaanfii akka fudhatan jajjabeessuu qabdi.

Filannoo ka biroo fayyadamuu mannaa tarkaanfiin baasii gad xiqqeessu kana. Siyaasa Ethiopia keessa jiru ilalachisee sochii eegaluu qabna.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa