Aadaa Ofii Bal’isuu fi Beeksisuun Murannoo Gaafata
WASHINGTON DC —
Dargaggoonni Kutaa Minisootaa keessa jiraatan baandii aadaa erga hundeeffatanii waggoota kudhanii ol ta’ee jira. Dargaggoonni kun barattoota sadarkaa lammaffaa fi Koolejii ti.
Yeroo isaanii ka barnootaa irraa hir’isuu dhaan walitti dhufanii aadaa isaanii lammiiwwan Biyyta alaatti beeksisaa jiru. Kutaalee Ameerikaa adda addaa irra naanna’uu akkasumas hamma Kaanaadaatti illee imaluu dhaan Uummati Oromoo eenyu? aadaan isaa hoo maal fakkaata isa jedhu kanneen hin beekne hubachiisuuf carraaqaa jiru.