Yoomiif Qajeelaatii fi Meresaa Kaasaay Fiigicha Ukreeyin Moohatanii,Asraat Magarsaalleen Goolii Galche

Atileetotii Itoophiyaa baruma baraan fiigicha moohachaa yaahuutti jiran. Yoomifii Qajeelaa shaampiyoonaa dargaggoota addunyaa torobaan tokkoof Ukreeyinitti dorgoman moohate.

Yoomiif fiigicha gufachiisaa metirii 300O lana 7:53:56tti moohatee Meresaan ammoo metirii 2000 tana 5:19:99 moohate.

Gama kaaniin ammoo Itoophiyaa fi Rwaandaa dorgommii Chaampiyoonaa Afrikaa 2014 ganna dhufu Afrikaa Kibbaatti taphataniif guyyaa dheengaddaa Finfinneetti tapahtanii Itoophiyaan 1-0 moohattee.Goolii takkitti tana Asraat Magarsaatti Itoophiyaa galchee taphii sunumaan dhumate.

Abbaan dorgommii tana lachuu moohate garee Afrikaa keessaa moohatanitti walti dabalamanii 16n tahanii Chaampiyoonaa Afrikaa Kibbaatiif waliin taphatan.

Gama kaaniin ammoo gabayaan kubbaa miilaa taphattoota addunyaa bebeekamoo oowwaa deemuutti jirtii,Dider Diroogbaa ka dhalootaan Ivory Coast tahee Chelsea taphatu Chaaynaa gara garee ufiitti deebihuuf mariitti jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Mee tana ammoo caqasaa