Chelsiin Dorgommii Washington DCtti, AS Roomaan 2-1 Mootee Biyya Ufiitti Galte

Chelsea

Chelsea,RFK Stadium


Chelsea


Gareen kubbaa miilaa Inglish Piriimer Liigi,Chelsiin garee kubbaa miilaa Awurooppaatti beekamtuu ta marroo hedduun moo’achuun beekamtu.Dhiyoo tana Amerikaa gama Kaabaatti dorgommii hariyummaa irra turte.Adoo dorgommiin isaanii ta marsaa 2013-2014 jala hin qabinuu deeggartoota haaraa dabalachuu ka jiran jabeeffachuu fi ufillee boqonnaaf Amerikaa dhufan.

Dorgommii dhiyoo tana Istaadiyoomii RFK,Washington DC taphatanitti Chelsiin AS Roomaa 2-1 moo’atte.

Cheslsiin dorgommii Awurooppaa UEFA ta bara 2012 fi Chaampiyoonaa Awurooppaa bara 2013 akkanuma moote Roomaan ammoo dorgommii Serie A bara dabree jaheessoo baate.

Woma taateefuu dorgommi hariyummaa ykn jaalalaa ta dhiyoo tana Chelsii waliin taphatetti taphattoota isii cufaa guurratee dhuftee taphatte.Yoo taphii jalqabee kubbaa haga guddaan ufuamtti qabaadhachaa taphachaa turan.

AS Roomaan daqiiaa 21eessoo irratti dogongora namichii Chelsii goolii eegu uumeen goolii tokko keessa buufatte.Chelsiilleen boqonnaan duubatti taphattoota akka Dembaabaa,Lempaardii fi Hazard tapahtti dabaltee daqiiqaa 61essoo fi 88eessoo irratti goolii Lukaakuu fi Lampard galchaniin taphii moote.

Akka manaajerii Roomaa,Garsiyaan taphaan duubatti gaazexeessitotatti himetti tapha kana irratti laafinna ufii waan arganiif tapha itti aanutti ufi jabeessanii tapha marsaa dhufuutif qophii jiran.

Dorgommiin EPL torbaanuma kana keessa jalqaban.

Mee Qophii Ispoortii dorgommii tana irratti qopheessine MP3 tana irraa caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Mee tana ammoo caqasaa