WASHINGTON DC —
Waggoota shantama dura ture hooggaaan sochii mirga namaa kan ta’an Martin Luther King hiriirri uummataa isaan geggeessan jireenya lammiiwwan Ameerikaa hedduu kan jijjiire ture. Haga 28 bara 1963 haasaa isaanii mul’atan qaba “I have a dream” jedhu kan dhageessisan uummata Washington keessatti wal ga’e kan kuma 250 ol ta’u ture. Qophiin har’aa kana irratti fuuleffate Tujubetu dhiyeess.
Chris Simikins akka gabaasetti uummata nuusa miliyoonaa ta’u kan guutummaa biyyattii irraa walitti dhufantu qixxummaa mirga namaa fi kan dalaqaa jecha hiriira waamame irratti argaman.
Hiriirri sun kan geggeessame Ameerikaa keessatti loogii sanyii hamaan gurraachota irratti geggeessamaa wayita turetti.
Hiriira kana irratti kan argamanis gurraachotaa fi warreen adii akkasumas lammiiwwan biyyoota ka biroo deggertoota isaanii ta’an sanbata darbe hiriirri uummataa waltajjii itti geggeeffametti ba’anii iyyannaa isaanii kan qixxummaa mirgaa dhageessisan.
Kutaalee US adda addaa keessatti raawwatamaa kan ture loogiin sanyii warreen gurraachaa filannoo keessatti akka hin hirmaanne ykn sagalee akka hin kennine dalgaa argachuufis haqaan dorgomuu akka hin dandeenye kan ugguru kan godhee fi warreen gurraachaa hedduun hiyyummaa hamaa keessatti akka rakkatan kan godhe ture.