Injiner Tesfaahuun Camadaa: Du'a falmisiisaa kutaa 2ffaa

  • Namoo Daandii
Injinar Tesfahuun camadaa Gurmeessaa waggaa torbaaf mana hidhaa keessa eega turanii booda Hagayya 23 Bara 2013 du’an boqochuu isaanii beekamee jira. Oromoonni galmee Injinar Tesfaahuun irratti himatamanii turan 15 Adda Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabaniin heera Itiyoophiyaa fi mootummaa biyyattii heera irratti hundaa’e irratti qabsoo hidhannoo ifatti labsan jedha himannaan irratti dhiyaatee ture.

Kana malees jaarmayaa seeraan alaa fi shoroorkeessaa ta’e ABO keessatti miseensaa fi hogganaa ta’uun waan sosso’aniif adabi sadarkaa adda addaa Bitooteessa 31 bara 2010 kennamuu sabaa himaan mootummaa Itiyoophiyaa yeroo murtiin kenname ibsanii turan. Isaan kana keessaa Injinar Tesfaahuun camadaa Gurmeessaa hidhaa umrii guutuutu irratti murame. Boodaa ol-iyyannaan kan dhiyaate ta’us adabuuma kanatu irratti raggaasiifame.

Du’a Injinar Tesfaahuun kan ilaaleen maatiin hiriyyonni fi abukaatoon isaanii akka jedhantti injinar Tesfaahuun nama abdii kutannaan of ajjesuu miti.


Your browser doesn’t support HTML5

Du'a injiner Tesfahuun Camadaa ilaalchisee kan dubbatame kutaa 2ffaa armaan gaditti dhaga'aa



Your browser doesn’t support HTML5

Du'a injiner Tesfahuun Camadaa ilaalchisee kan dubbatame armaan gaditti dhaga'aa kutaa 3ffaa




Your browser doesn’t support HTML5

Seenaa kana kan ilaaleen bara 2010 kan gabaasame kutaa 1ffaa



Your browser doesn’t support HTML5

Seenaa kana kan ilaaleen bara 2010 kan gabaasame kutaa 2ffaa



Your browser doesn’t support HTML5

Seenaa kana kan ilaaleen bara 2010 kan gabaasame kutaa 3ffaa