Atileeti Mesert Deffaarii fi Xurunesh Dibaabaa Ammallee Dorgommii Londoniif Qophiitti Jiran

Itoophiyaan dhiyoo tanaa akkanuma dorgommii gara garaa irra jirti,Chaampiyoonaa addunyaatii fi dorgommi Diamond League dabalee dorgommii hedduu keessa jirti.

Atileeotii isii ta akka Meserti Deffaarii fi Xurunesh Dibaabaa faan torbaaniin duuballeetti dorgommii Londonitti qopheessaniif qophiitti jiran jedha Leenjsiaan garee Itoophiyaa obboo Toleeraa Dinqaa.

Gama kaaniin ammoo Itoophiyaan biyya 10n dorgommii Waancaa Addunyaa bara dhufu Biraazilitti jalqabnifi dabruuf CAR waliin tapahttee 2-1 moohatte.

Akkuma kanaan Itoophiyaan biyya shanan dorgommii tanaaf dabran tahuuf carraa qabaachu dandeetti taatullee gareen isiin waliin tapahattu sagallanuu jajjabduu muuxannuu qabdu.

Woma taateefuu tapha biyyitii shanan keessaa dabaran tana ji’a lamaa sadiin duubatti jalqaban.

USA fi Meksikoolleen bori dorgommii kubbaa miilaa waancaa Addunyaatii dabruuf Kolumbos,Ohaayootti tapahtanii.

Dorgommii Amerikaatti guddoo jaalatan American Football ta gareen 32 marroo 17 taphatan ta baranaa dhiyoo jalqaban.

Kilabiin Pirimeer Liigii addunyaa bebekamon akka La Liga,Bundsliga,Serie A fi EPL faalleen dorgommiitti jiran.MP3 tanaallee caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Mee tana nuu caqasaa