Prezidaantiin Itiyoopiyaa Ertraa fi Itiyoopiyaa araarsuun fedha jedhan

  • VOA

Prezidaantii Itiyoopiyaa Girmaa W/Goorgis

Presidentiin Itiyoopiyaa Girmaa Wolde Goorgis dhuma baatii kanaatti aangoo irraa yeroo ba’an gara Eertraatti imaluu dhaan Itiyoopiyaa wajjin araarsuuf fedhii kan qaban ta’uu dubbataniiru.

Prezidaanti Girmaan akka jedhanitti Eertraan biyya ani waggoota hedduu keessa jiraadhe uummata ani beekuu fi jaal’adhu waan ta’eef Itiyooopiyaa waliin nagaan jiraachuu isaaniin fedha jedhan.

Milkaa’ina akkamii argamsiisu akka fedhan yoo ibsanis biyyoota holloota keenya ta’an waliin hariiroon jiru addaan cituu isaa waan hin feeneef angawoota biyyoota lamaanii waliin mari’annee itti milkoofna jedheen abdadha jedhan.

Itiyoopiyaa fi Eertraan waggoota darbaniif daangaa wal falmisiisaa ta’e irraan kan ka’e muddama keessa jiru. Yaaliin araaraa fi diplomaasummaa hedduun geggeessamus Eertraan daangaa koo gad dhiistanii hanga hin baanetti marii araaraaf gad taa’uun hiika hin qabu jechuun falmaa jirti. Presidaant Girmaan garuu dhimmi daangaa yoo dhuma gam lameenuu dubbii isaa cimsanii itti cichan irraan kan hafe wal nama hin lolchiisu furamuu qaba jedhu.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa