Lammiin Ameerikaa Al-shabaabiin Gargaaraa ture Somaaliyaa keessatti Ajjeesame

  • VOA
Gurmuu fiinxaalessa Islaamummaa SOMALIA - AL-SHABAB waliin hidhata qabaachaa ture ka kutate - Lammiin Ameerikaa tokko, loltoota gurmuu sanaan ajjeesamuun gabaasamee jira.

Hidhattoonni AL-SHABAB duraanii, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa - kutaa Afaan Somaaleef akka ibsanitti OMAAR HAMAANII, Har’a ganama, kutaa GEEDOO ganda SHONGOLEE cinatti bakka dhokatee jirutti hidhattoota AL-SHABAAB-iin ajjeesame.

AL-SHABAB haga ammaatti halellaa - jedhame kanaaf itti gaafatama hin fudhanne. HAMAANII-n, ammaan dura, si’a lama ajjeesamuun isaa gabaasamee, garuu turee - jiraa fi fayyaan gad-ba’e.

Mootummaan UNITED STATES ammaan dura, HAMAANII-N Gurmuu AL-SHABAAB-iif, gargaarsa meeshaalee dhiheessuu isaatti himatee, nama odeeffannoo isa qabsiisu kenneef haga doolaara Miliyoona shanii akka kennu labsee ture.

OMAAR HAMAANII -- guyyaa sagal dura, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa - kutaa Afaan SOMAALEE-f gaaffii fi deebii kenneen, AL-SHABAAB irraa hidhata kutachuu isaa beeksisee Hoogganaa AL-SHABAAB MUKTAAR ABU ZUBAYIR nama, aarsaa danda’ame maraan taayitaatti ol bahuutti cichaa jiru - jechuun balaaleffate.

Gaaffii fi deebii sana keessatti, akka AL-SHABAAB isa ajjeesuuf yaalaa ture dubbatee ture - HAMAANII-n. Garuu, akkuma shororkeessituutti of ilaalaa ture. UNITED STATES waliin dubbachuus tahe gara biyyattiitti deebi’uu akka hin fudhanne dubbatee ture.