Lolii Gabayaa Naayroobi Ya Dhumatee Warra Nama Hadhe Jedhan keessaa Shan Fixani, 11 Booji’anii Jedha Perzdaantiin Keenyaa

  • VOA
AL-Shabaab,milishooti Soomalee AL-Qaayidaan harka wal keessaa qaban jedhan guyyaa afuriin duratti gabayaa Naayroobii beekamtuu,Westgate,dureeyyiin keessaa wa bitatanitti baafatanii bombii fi qawween nama fixanii kaan marsanii poolisii fi waraana biyya suniitiin irratti wal lolaa turan.

Walumattu akka perzdaanti Keenyaa,Huru Kenyaataa jedhutti lola kana irratti nama nagaa 61,warra nama hadhe jedhan keessaa shan fixan,warra nama hadhee jedhan keessaa ammoo 11tti hidhaa jira.Waraani kun nama 175 madeesse.
Perzdaantii Keenyaa nama dhuamteef mootummaan isaanii gadda guyyaa sadii labse.Akka perzdaanti Obaamaan kora Tokkummaan Mootummootaa,New York Amerikaatti yaame kana irratti jedhetti wanti lola Keenyaa,ka Paaksitaanii fi Iraaqi irraa arginu milishootii tun naannoleetti baballachaa dhufuu isaanii agarsiisa.

Lola poolisiin Keenyaatii fi waraanii biyya isaanii milishoota tana gabayaa Naayroobii keessaa baasuuf lole haga hardhaallee dibbeessa qawwee guddaatti keessaa dhufa.
AL-Shabaab ammoo ammallee reeffa nama haga hin qamnee harkaa qabna jechaa turan.Warra akkana nama hadhee keessaa akka bulchootii Keenyaa jedhanitti sadii nama Amerikaati.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa