Muummichi Ministeeraa Itiyoopiyaa Gumii Tokkummaa Mootummootaaf Haasaa Dhageessisan

  • VOA

Muummicha Ministeera Itiyoopiyaa H/Mariyaam Dessaaleny

Dhaamsi Itiyoopiyaa kun kan sadarkaa biyyaa qofa utuu hin taane kan gamtaa Afriikaas ta’uu kan ibsan obbo H/Mariam waggaa hundeeffama isaa waggaa 50ffa keessummeessuu keenyaaf gammachuu qabna jedhan.

chaarterii tokkummaa mootummootaa bara 1945 yeroo mallatteeffame biyyoonni Afriikaa harka caalaan koloneeffannaan qabamanii akka turan, erga sanaa as koloneeffannaa harcaatuu jalaa ba’uun gumii kana keessattis heddumminaan jirra jedhan.

Afriikaan hiyymmaa, dhukkubaa fi walitti bu’inisaan beekamti yeroo jedhamaa jiru kanatti jedhan Obbo H/Mariam suuta suutaan jijjiiramni jalqabeera jedhan.

Afriikaan walitti bu’iinsa ardittii qabatee jiru hanqisuu dhaan bulchiinsa demokraatawaa jajjabeessuun guddina dinagdeetiin hiyyummaa faccisaa jirti jedhaniiru.

Guddina waarinsa qabu argamsiisuuf tattaaffiin ta’u hanga kaayyoo mileeniyemii fiixaan baasuu qofa utuu hin taane sana darbees akka ta’e ibsaniiru.

Mata duree gamtaan Afriikaa bara dhufuu jechuun 2014 fudhatee dhiyaatu qonnaa fi wabii nyaataa ta’uu dubbatan.

Gamtaan Afriikaa Tuniisiyaa, Maalii, Somaliyaa, Ripublikii Afriikaa waaltaa, Sudan, Sudanii fi Sudan kibbaa keessatti qooda fudhachuu isaa ibsaniiru.

walitti bu’iinsi Koongoo keessaa kutaa sanaaf yaaddessaa ta’uu isaas ibsanii jiran.

Mana murtii addunyaa kan ilaaleen ennaa dubbatan Akkaataa manni murtii addunyaa itti hojjechaa jiru afriikaaf ilaalcha gaarii hin taane qaba jedhan.

Murtii haqaa fi araara argamsiisuun nagaa fi tasgabbii fiduu mannaa meeshaa siyaasaa afriikaa lammiiwwan ishee irratti qiyyaafate ta’e. Fudhatama hin qabu jedhan.

Balaa shororkeessotaa magaalaa nayroobii keessatti dhaqabee lubbuu namaa galaafatee lubbuu hedduu madeesseef gadda itti dhaga’ame uummataa fi mootummaa Keeniyaa akkasumas maatii namni jalaa miidhameef ibsuun fedha jedhan.