President Obamaan Kora TM haasaa dhageesisan

Presidaantii Ameerikaa Baaraak Obaamaa

President Obamaan gumii tokkummaa mootumootaa irratti haasaa dhageesisaniin dhimmootii imaammata alaa ilaalchisee waggoota lamaa fi walakkaa hafeef keessatti dhimmootii lama irratti kan fuuleffatan ta’uu ibsan.

President Obamaan akka jedhanitti United States kan feetu Iraniif mootummaan jijjiiramuu miti. Mirga uummata Iran kan meeshaa nukleraa hojii nageenyaaf fayyadamuu ni kabajji.

Amanamummaa dhabuun Iran hidda gad fageeffateera waan ta’eef battala waan furamu miti jedhan.

Dhimma rakkoo Syria bakka uummanni kuma 100 ol ajjeefman gama ilaaleen President Obamaan akka jedhanitti meeshaa keemikaalaa mootummaa biyyattii dhabamsiisuuf marii Rashiyaa fi US eegalan walitti bu’iinsa jiruuf furmaata polotiikaa barbaaduuf tattaaffii ta’u cimsuu qaba.

President Obamaan dhimmootii ijoo haga tokko presidentii Iran Hassan Rouhani waliin mari’ataniiru. Mr. Rouhaniin ofii isaanii presidenticha duraanii Mhamoud Ahmadinejad caalaa yaada madaalawaa qabanitti of ibsan.

Presidenti Rouhanin akka jedhanittti Iran yeroo murtaa’e keessatti marii ba’ii argamsiisuu danda’u sagantaa meeshaa nukleraa biyyattiin qabdi jedhamee shakkamuufis amantaa horachuuf battala marii geggeessuuf qophee dha jechuu dhaan nama afaan hiikuun gargaaramuun dubbataniiru.

Uggura Iraan irra kaa’ames qeequu dhaan uggurri sun mootummaa utuu hin taane uummata biyyattii miidhe jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa