Gargaarsa namoomaa kennuun murteessaa dha miti jedha Tokkummaan mootummootaa

Tokkummaa mootummootaatti komiishinni baqattootaa lammiiwwan Itiyoopiyaa kanneen Saud Arabiyaa dhaa deebi’aniif gargaarsa namoomaa kennuu jalqabuu isaa beeksise.

Kun dirqama komiishinichaatiin ala ta’us rakkoon yeroo mudatu callisanii darbuun kan hin danda’amne ta’uu komiishinichi ibsee jira. Tarkaanfiin kun angawaatuu ol aantuun Ameerikaa tokko dhiyeenya yaada kennan waliin wal hin ilaallatu jedheera.

Waajjira komishinichaa kan Ethiopoiaatti dubbi himaa kan ta’an obbo Kissut G/Igzaabeer VOAf akka ibsanitti itti gaafatammni komishina tokkummaa mootummootaa biyyootii ka biroo irraa baqattoota dirqii dhaan gara Itiyoopiyaa dhufan deggersaa fi kunuunsa seeraa kan sadarkaa addunyaa fi rakkoo isaanii fi furmaata barbaaduu dha.

Itti gaafatamni waajjiralee komiishinichaa biyyootii ka biroo keessa jiranis kanattii adda miti. Haalawwan hagi tokko garuu jedhu obbo Kissut komiishinichi itti gaafatama inni qabuun ala akka sosso’u dirqisiisuu malu. Rakkooleen ilmoo namaa irra yeroo ga’an seera sana keessatti hin haammatamne jechuun callisee kan ilaalu hin jiru jechuu dhaan lammiiwwan Itiyoopia Saudii dhaa deebi’an akka fakkeenyaatti tuqaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa