Prezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naanoo Oromiyaa Itti Gaafatamummaa DH.D.U.O Irraa Bu’an

  • Namoo Daandii
Obboo Alemaayoo Atoomsaa perzdaantiin naannoo Oromiyaa baay’ee beekamuu ka jalqaban - filannoo biyyoolessaa ETHIOPIA bara 2002 geggeessamee booda.

Yeroo sanatti, Prezidaantii Bulchiisa naannoo OROMIYAA ka turan - Obbo ABBAA-DUULAA GAMMADAA -- gara itti-gafatama Mootummaa Federaalaatti dhufanii, Afaan-yaa’ii Mana-maree Bakka-bu’oota Uummataa ta’an.

Achii booda, Obbo ALAMAAYYOO-n -- naannoo baay’ina uummataa fi bal’ina lafaan biyyattii keessatti tokkoffaa ta’e - OROMIYAA hoogganuu jalqaban.

Yeroon Prezidaantummaa isaanii kun garuu, rakkoon fayyaa isaanii hammaataa deemuu irraa haala wal-qabateen kan fuuleffannaa guutuudhaan itti hojjetan akka hin turiin maddeen odeeffannoo qaban ni dubbatu. Akka maddeen kun jedhanitti --- / Obbo ALAMAAYYOO-n, yeroo isaanii haga tokko wal’aansa fayyaa fudhachuu irratti dabarsan.

Ka Bulchiinsa naannoo Oromiyaa hoogganaa jiru - Koreen Hoji-geggeessituu DH-D-U-O ka Bulchiisa naannoo OROMIYAA hoogganu -- gidduu kana kora taa’ee jira. Obbo ALAMAAYYOO ATOOMSAA taayitaa isaanii hoogganummaa paartichaa gad-lakkisuuf ka gaaffii dhiheessanis walga’ii kana irratti ta’uu maddeen oduu biyya keessaa dubbatanii jiran.

Koreen Hoji-geggeessituu DH-DU-U-O, walga’ii isaa ammaa kana irratti -- Obbo ALAMAAYYOO-n bara 2003 irraa eegalanii dura-taa’aa dhaabichaa fi Prezidaantii Oromiyaa ta’anii itti-gaafatama isaanitti kenname ga’umsaan raaw’achuu isaanii ibsee jira - akka maddeen oduu biyya keessaa gabaasanitti.

Waggoota as dhihoo as -- rakkoon fayyaa isaan mudate itti-gaafatama isaanii guutummaatti raaw’achuuf waan isaan rakkisuuf iyyannaan isaan dhiheeffatan fudhatama argatee jira - jedhu - dhaabbatichi.

Prezidaantummaa Oromiyaa gad-lakkisuu fi dhiisuun isaanii, akkasumas -- itti-gaafatama ka biraatti ramadamuu fi dhiisuun isaanii ilaalchisee garuu waan haga ammaatti ibsame hin jiru.

Obbo ALAMAAYYOO ATOOMSAA -- hoogganummaa Dhaabbata Dimookiraatawa Uummata Oromoo gad-lakkisuu isaanii hordofee, walga’iin idilee dhaabbatichaa -- aangawoota muuduu fi taayitaa irraa kaasuu yokaan jijjiiru mala jedhamee eegama. Eega Obbo ALAMAAYYOOn taayitaa gad-lakkisanii booda eenyu akka bakka isaanii bu’u waan beekame hin jiru.

Eega EHAADEG taayitaa qabatee fi Sirna Federaalaan bulchiinsota naannoo Afaan uummatoota irratti hundaa’an diriirsee booda -- Prezidaantonni afur Oromiyaa bulchanii jiran. Afuraffaan Obbo Alamaayyoo Atoomsaa yoo ta’an -- kanneen iaan dura turan sadan - Obbo Kumaa Dammaqsaa, Obbo Juuneddii Saaddoo fi Obbo Abbaa-duulaa Gammadaa turan.