Genzebee Dibaabaa fi Amaan Waxee Fiigicha Poland Ka Hardhaa Mo’anii Boriitti Warqii Argachuuf Dorgoman


Dorgommin mana keessaa Sopot,Poland tana IAAF-tti qopheessee, tun 15essoo ganna lama lamatti qopheessan

Ganzabee Dibaabaa dorgommii fiigicha manakeessaa IAAF,Sopot,Polanditti qopheesse hardha metiri 3000 moote waliin ji’a tokko keessatti marroo afur dorgommii addunyaa moote.

Amaan Waxeelleen akkanuma dorgommii mana keessaa ta IAAF qopheesse tana metirii 1500tiin moo’e.

Atileeti Yoomiyyu Tasfaayee ka Jermanii fiigulleen akkanuma metrii 1500 tana moo’e. Dorgommii metiri 1500 kana yoo lama dorgoman.

Dorgommiin IAAF tun 15essoo,atileetota 587 biyya 141 keessaa dhufee Bitootessa 7-9,2014tti wal dorgoma.

Namii Amaan Wxee waliin dorgome Mekonnin G/Hiywot 3essoo bahe,ta Ganzabe waliin dorgomte Hiywot Ayyaaloo ammoo 4esso baate.

Atileetotii hardha moohatan kun bori dorgommii waqrii itti badhaafamanii dorgoman..