Waldaan Misooma Biyyoota Ollaa Afrikaa Bahaa,IGAD Ebla Dhufu keessa Waraana Suudan Kibbaatii Nagaa Eegu Erga

  • VOA

Korii IGAD 25essoo Finfinneetti taa'e akka mootummaa fi warrii mootummaa suniin wal hadhu qalbuma nagaatiin mari'tee fala barbaadu fedha

Waldaan kun eegii Suudan Kibbaatti namii waraanaa walti baafatee asitti akkana fala barbaaduuf faana jira. Mariin Finfinneette 25eessoolleen woma biyya tana rakkoo baasaniin irratti mari’ate.

Waan IGAD hajaje keessaa tokkoo akka laftii Suudan Kibbaa,biyyaa handhura lafaa taate ta akka eela zayitii faan eegumsa argattu,nama nagaa waranaa jidudu baasanii ka rakkate gargaaran,akka namilleen ila nyaaphaatiin wal hin laallee fi qalbuma nagaatiin wal mari’atu fa.

Tanaaf akka waraanii nagaa eegu ka PDF jedhamu achitti ergamu hajaje.Itti gaafatamaan marii araaraa Suudan Kibbaa Siyyum Mesfiiniiti.

"Haga biyyiti qopheefootee ya ergine jettutti eeguu hin malle.Waraanii Tokkummaa Mootummootaa waan cufa qopheeffatee waraana erguuf ji’a 6-9 tura.Nu ta akkasii hin feenu.Hujii bu’aa qabdu,ariifttuu feena.”

IGAD, akka mootummaa Suudanii fi waraanii mootummaa kanaan wal hadhuutti jiru rakkoo isaanii garaa ballatee mari’atu,wayiif jedhee wa walii dhiisu,nama nagaa waraana jidduu baasu,ka rakkate gargaaree ufillee ila nyaaphaatiin wal hin ilaalle fedha.

Biyyiti waraana nagaa eeguu kana erguuf deemtu Keenyaa,Itoophiyaa,Riwaandaa fi ta Burundi mirkana.Jibuutii irrallee woma eegatan.

Dubbii bulchootii Suudan Kibbaa irratti wal dhabanitti warana isaanii lamatti baasee namuu gara gosa ufii bahee lolaa walti rakkate.

Waraani waldaan Afrikaa gama Bahaa Suudan Kibbaatti erguuf deemu kun lafa eegee qalbii namallee qabbaneessa.

Taatullee yoo qaraa Waldaa Afrikaatii fi Tokkummaa Mootummootaa irraa eeyyama argate hujii tana jalqaba.Akkas taanaan horii waraanaa kanaa bahullee addunyaatti baasaaf.