Artistoota deggeruun aadaa ofii Guddisuu dha

  • Tuujubee Horaa
Gumiin barattoota Universiti Finfinnee kan dagaagina adaa fi afaan Oromoo dilbata darbe jechuunis Bitootessa 31 bara 2014 qophee tokko magaalaa Finfinnee kan jiru galma aadaa biyyoolessaa keessatti geggeessee ture.

Qophii kana irratti Artistoota Oromoo angafoota ta’an, abboota qabeenyaa, barsiistonni fi barattoonni irratti hirmaataniiru.

Kaayyoon qophee kanaa artistoota angafoota ta’an kanneen irraanfataman, dhibee fayyaa qaban akkasumas dinagdeen rakkatan gargaaruuf maallaqa walitti qabuuf si’a ta’u aartiin Oromoo karaa ittiin babal’achuun danda’u irratti illee mari’atameera. Gumiin kun Universitiiwwan biyya keessa jiran mara keessatti hundeeffamuun sochii gochaa kan jiran ta’uu qindeessaan qophee sanaa University Finfinneetti barreessaa hogbarruu kan ta’an Qulquluu Ijoo nuuf ibsaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa gaaffii fi deebii armaan gaditti caqasaa