Afgaanistaan Bori Mootummaa Haaraa Filatti,Gaazexeessitoota Lamaa Hujii Tana Irratti Fixan

  • VOA

Afgaanistaan tana waliin marro lama filannoo addunyaan mirkansiteef filachuuf deemti

Biyyiti Eezhuiyaa tun durii mootummaa Taalibaan ka seera Shariyaatiin bulchuun bulti.Eegii addunyaan itti wal gargaartee mootummaa sun achii baaftee bara 2001 jalqabdee tana waliin marroo lammeessoo perzdanatii haaraa filachuuf deemiti.

Milishootii Taalibaan ta durii mootummaa irraa fudhatan ammoo akka namii filannoo tolfatanii akka biyya Dhihaatti bulan hin eeyyaman.

Akka seeraatti perzdaantiin ammaa Hamiid Karzaay marro itti aantuuf hin dorgomu.
Gaagzexeessitota Associated Press ta huji tanaaf achi jiran keessaa tokko ijjeessanii tokko madeessan.

Gaazexeessituun ijjeessan ta biyya Jarmanii Assiciated Press hojjattu Anja Niedringhaus gaazexeessituu footoo beekamtuu,nama ganna 48ti badhaasa guddaallee argatte.
Gaazexeessittuun lammeessoolleen Associated PRESS hojjattu Kathy Gannon isiin ammoo nama biyya Kanadaatti teessoon isii Islamaabaad madooftee wallaansatti jirti.

Akka oduu Associated Pressitti jarii kun makiinaa hojjattootii filannoo godina Khost keessatti kaardii fi sanduuqa filannootiin qoodan keessaa jiran.Adoo jarii dallaa magaalaa Khost keessa jiruu itti gaafamtaan damee nagaa eeguu jara kana kalaashiin hadhe.

Akka itti gaafatamtuun AP Kathleen Carroll NY keessaa jettetti gaazexeessitotii tun yoo hedduu lola Afgaan gabaasaa bahan.