Hiriirri Mormii Barattoota Oromoo fi Uummataa Itti fufe

  • Namoo Daandii
Magaalaaleen addaa naannoo Fifnfne mootummaa Federaalaatiin fudhatamee Finfinnee jala galuu hin qaban, Finfinnee keessatti mirgi dantaan addaa heeraan Oromoof eeyamame Oromoof haa kennamu kanneen jedhaniif gaaffilee kanneen biroo kan dhiyeessan barattoonni Oromoo Hiriira har’as Universitiiwwanii fi manneen barnootaa adda addaa keessatti mormii dhageessisuu itti fufaniiru.

Kanneen keessaa Universitii Haromaya, Tajii, Buraayyuu, Sabbata, mandii Bishooftu, Geesoo, Midaa Qanhii, Geedoo, Aira fi Noolee haga tokko. Hoogganoota gareelee mormituu dabalee bakkaawwan adda addaa irraa namoonni ibsa nuuf kennanii jiran. Kan itti aanaa barreessaa kongresa federaalawaa Oromoo obbo Dejejne Xaafaa Kanneen ibsa nuu kennan keessaa tokko turan.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa