Mirgi Heerri Nuuf eeyamu Nuuf Haa Eegamu Jedhu Barattoonni Oromoo

Hiriira mormii barattootaa

Naannoo ORomiyaa guyyoota lama dura kan eegale hiriirri mormii har’as magaalaalee adda addaa keessatti itti fufuu isaa kongresii federaalawaa oromoo fi jiraattonni naannoo VOAf ibsaniiru.

waajjiri kominikeeshinii mootummaa hiriir kana dudda duuba humnootii farra nageenyaa yartuutu jiraachuun mirkanaa’eera jedha.
Torban kana Finfinnee fi magaalaalee Oromiyaa naannoo Finfinnee jiran karoora misoomaa wal qabsiisu karoora jedhu mormuu dhaan hiriirri mormii har’as itti fufeera jechuu dhaan Kongresi federaalawaa Oromoo voaf ibsee jira. barreessaan paartichaa obbo Bekele negaa bilbilaan akka ibsanitti Bishooftuu, zoonii dhiya Wallaggaa Mandii, Buraayyuu, Tajjii, Midaa Qanyii, Geedoo, Baakkoo Leemmaniif magaalaalee ffk keessatti hiriirri mormii geggeessamuu isaa ibsaniiru.

VOAn madda itti dabalaa irraa odeeffannoo argateen barattoonni mana barnootaa sadarkaa lammataa Bishooftuu, hiriira mormii geggeessuuf utuu yaalanii humna poolsiin bittimsameera, miidhaan hagas jedhamus kan hin dhaqqabne ta’uun mirkanaa’ee jira.

Zoonii shawaa dhiyaa Midaa qanyii keessatti magaalaa Bixxillee jedhamu keessatti barattoonni kuma hedduutti laka’amanii fi jiraattonni mormii isaanii dhageessisuu dhaan nagaan deebi’uu isaanii maqaan isaanii akka hin tuqamne kan akeekkachiisan jiraattonni naannoo VOAf ibsaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa