Angawoonni Oromiyaa Barttoota haasofsiisuu jalqaban

  • Jaallannee Gammadaa
Itti aanaa Prezidaantii Oromiyaa obbo Abdulaziz Mohammed har’a barattoota Yuniversitii Haromaayaa dubbisuu isaanii barattoonni ibsanii jiru.

Gaaffii dhiyeessineef deebiin nuu kenname garuu barnoota itti fufaa jedhamne jedhu.

Gara biraan godina Horroo Guduruu Wallaggaa mgaalaa Shaambuu keessatti waraanni mootummaa mooraa Yniversitii Wallaggaa kan magaalaa keessa jiru keessatti boombiin dho’uu isaa barattoonni dubbataniiru.

Sana booda barattoonni gaaffii dhiyeessuu yeroo yaalanitti humnootii waraanaan reebamuu fi hidhamuun hanga har’aatti itti fufuun ibsameera.

Dhaabni momrituu paartii Kongresa Federaala Oromoo dilbata dhufutti hiriira waamuuf karoorfadhe jedha.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa