“Finfinneen Magaalota Kana Gubbaa Irratti Mirga Murteessuu Tokko Iyyuu Hin qabaatu” Jedhu, Obbo Abbaa-Duulaa Gammadaa

  • Namoo Daandii

Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, Afaan Yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'ootaa Itiyoopiyaa

Magaaleen Oromiyaa addaa naannawa Finfinnee jiran akka Finfinnee jala galan, karoorri “Master Plan” jedhamee baafame kan Oromoo lafa isaa dhabsiisuu fi mirga abbaa-biyyummaa isaa sarbu!” jechuudhaan, barattoonni Yunivarsitiilee fi manneen barnootaa Oromiyaa ka biroo keessa jiran akka hiriira mormii irra jiranii fi sababaa kanaan walitti-bu’insi uumame akka lubbuu hedduu galaafate beekamaa dha.

Dhimma kana irratti kan Har’a Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf gaaffii fi deebii kennan Afaan-yaa’iin Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa – Obbo Abbaa-duulaa Gammadaa,
Magaalaalee addaa naannawa Finfinnee jiran bulchiisa Fininnee jala galchuuf karoorri baafame akka hin jirre eeranii “Magaalonni kun of danda’anii Oromiyaa fi Bulchiisa magaalaa mataa isaaniin bulan. Mana-maree mataa isaanii qaban. Bulchiisa mataa isaanii qaban. Uummata tu filate Bulchiisa isaanii kana. Oromiyaa jala jiru. Kun gonkumaa gonkumaa hin tuqamu,” Jedhanii jiran.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi Deebii Abbaa Duulaa Gammadaa waliin geggeeffame kutaa 1ffaa



Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi Deebii Abbaa Duulaa Gammadaa waliin geggeeffame kutaa 2ffaa