Perzdaantii Suudan Kibbaatii fi Itti Gaafatamaa Paartii Mormituu Waliigaltee Tokko Finfinneetti Mallatteessan Jedhanii Eeguutti Jiran

  • VOA

kadhannaa

Bulchootii Suudan Kibbaa bulchiinsa irratti wal dhabanii dubbiin gara gosaa jijjiiramtee nami kuma hedduu dhuamte.Biyya hedduutti rakkoo tana fala barbaaduutti jira.

Perezdaantii Suudan Kibbaa Salvaa Kiirii fi itti gaafatamaan paartii mormituu Rick Machaar hardha Finfinnee jiranii lola biyya isaanii dhaabuuf irratti wal mari’atan jedhanii abdiin eeguutti jiran.

Akka bulchooti IGAD jedhanitti mootummaa Suudan Kibbaatii fi paartiin mormituu waan irratti walii galan walii mallatteessuuf laaluutti jiran.

Lolii biyya tanaa Muddee dabarte jalqabe nama kuma heddutti dhumee miliyoona caala baqachiise.

Gama kaaniin ammoo Tokkummaan Mootummootaa mootummaa Suudan Kibbaatii fi paartiin mormituu umamta fixani balleessaa guddaa hojjatan.

Dhaabii mirga ummataa eegu Amnesty international ammoo reeffa nama 530 walitti qabanii awwaan argee jedhee gabaase.