Naayroobitti Nama 10 Balaa Bombiitin Dhumatee Hedduutti Madaa'e

  • VOA

Bulchoota Amerikaatii fi biyya gara garaa akka nama isaani Keenyaa jiru ufi eegatu itti dhaame

​Bombiin qaraa akka jecha bulchoota Keenyaatti minibaasii keessaai ta lammeessoo ammoo gabayaa keessaa tokkatee nama hobbaafte.

USA fi UK adoo balaan kun hin gahinuu nama isaaniitiin imaltuu Keneyaatti keessa fi eegadha jedhanii kalee dhaaman.

Australia fi Faransaayilleen akkuma nama isaani Keenyaatti yaahuun ufi eegadhaa jedhan. Perzdanatiin Keenyaa Uhur Kenyaataa biyyootii alaa Keenyaatti imaltu dhaquun rakkoo qabdi jechuun jara biyya nagaa dhowwu jabeessaa jedha.

Keenyaan,Somaalee,lafa milishooti Al-qaayidaa teessoo jabduu keessaa qabanii ollaa.Yoo hedduu milishooti tun achii dhufanii nama fixan jedhanii shakkan.Jara balaa kanaa itti gaafatama fudhatu ammatti hin beekamne