Akka karoora kanaatti hamma har’aatti kan turan karoorawwan ijoon magaalaa Finfinnee hiri’ina qaban gamaaggamuu dhaan karoora misoomaa qindaa’ee isa haaraan guutuuf yaaliin godhameera.
HIri’ina sana keessaa tokko karoorri sun misooma misooma magaalaalees haa ta’u baadiyyaa naannoo sana jiranii yaada keessa hin galchine jedhan.
Kanaaf jecha Finfinnee fi naannawaa isheetti hojjetamaa kan turan hojiin misoomaa inni tokko kan isa kaanii hubannoo keessa kan hin galchine fi qindoomina kan hin qabaanne ture jedhan.
Karoorri misoomaa qindaa’e inni haarawaan dogoggora kana sirreessuu irraan kan hafe magaalaan Finfinnees haa ta’u magaalaaleen addaa oromiyaa naannoo jiran shanan karoora misooma magaalaa kan ofii isaanii raggaasisu jedhan obbo Matiwos.
Bulchaan magaalaa Finfinnee Dirribaa Kumaa kan isaan godhan jedhan master plan kana jechuunis kan magaalaa Finfinnee fuudhanii kaabinee isaaniitti geessu. Isa qindaa’e agarsiisuu qofaaf agarsiisuu malu.
Kan isaan dhiyeessan Hektaara 52 kan taate master Plan magaalaa Finfinnee kaabinee isaaniitti dhiyeessuu dhaan raggaasisu. San booda mana maree bakka bu’ootaaf dhiyaachuu dhaan raggaasisamee seera ta’uun ba’a. Sanatu Master Plan magaalaa Finfinnee ta’ee ba’a jedhan.