Mootummaan Itiyoopiyaa garee Finxaaleyyii Kaao'orjaa jedhamuu fi Haleellaa Karoorfate to'annaa jala oolche jedha

Shakkamtoonni to’annaa jala oolan 25 garee lamaa jalatti kan ijaaraman ta’uu kan sabaa himaan mootummaa gabaase ibsi gurmuu ragaa biyyoolessaa fi tajaajila nageenyaa fi gurmuu poolisii fedeeraalaa kan farra shororkeessummaa tuqee jira.

Gareen inni tokko ajaja kallatiinii kan fudhatu garee finxaaleyyii Afriikaa kibbaa keessa jiru irraa ta’uu ibsee jira.

Gareen kun Somalia keessatti leenjii erga fudhatee booda karaa Kenyaatiin gara Afriikaa kibbaatti imalee of ijaaruu dhaan Itiyoopiyaa seenuu isaas ibsi kun beeksiseera.

Miseensonni garee kanaa to’annaa jala kan oolan naannoo Oromiyaa zoonii Jimmaa keessatti sochii eegaluuf qophee irra utuu jiranii hordoffii godhameen jedhameera.

Gareen sun gandeen baadiyaa naannoo Jimmaa fi daandiwwan guruguddoo irra kanneen sosso’an atoobisii uummata deddeebisu irratti haleellaa geessisuu dhaan lammiiwwan lama ajjeessuu isaas ibsi gurmuu kanaa beeksiseera. Maallaqaa fi mobila saamaa turuu isaas tuqee jira.

Ibsi kun itti dabaluu dhaan gareen shororkeessaa inni lammataa sudan, Yemen fi Inglizii keessatti kanneen argaman sochiiwwan Jidhadistii waliin hariiroo uummachuu dhaan ajaja kallattii fi deggersa argataa tureera.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa