Dargaggoota Afrikaa fi Prezidaant Obaamaa as Waashington DCtti

Perezdaanti Obaamaa fi Dargaggootii Afrikaa DC-tti wal mari'atan

Dargaggoonni biyyoota Afrikaa gara hoogganummaatti guddataa jiran dhibba hedduun kora guyyoota sadi’iif Har’a Waashington keessatti walga’anii jiran.

Har’a kan as WASHINGTON DC jiru - Hoteela Homnii Shooraam keessatti Ministarri Dhimma alaa Yunaayitid Isteets – Joon Keerii fi prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Baaraak duraa booda haasawa dhageessisanii jiran. Waa’elli keenya – Tujubee Horaa bakka walga’ichi itti geggeeffamaa ture – Hoteela Omnii Shoraam irraa deemsa walga’ichaa Namoo Daandiif ibsitee jirtii.

Dargaggoota Afrikaa boor hoogganoota ta’an dhibba shan as Waashintonitti afeeruun kun hariiroo Yunaayitid Isteetsii fi Afrikaa cimsuu qofa otuu hin taane dargaggoota biyyoota Afrikaaf hoogganoota boorii ta’an wal-barsiisuu fi hariiroo sanaa cimsuuf bu’ura ta’a jedhamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Caqasaa