Hoogganaa ta'uun uummata ofii ofitti qabuu malee taayitaa qabatanii taa’uu miti

  • Tuujubee Kuussaa

2014 YALI banner with blue border 308 wide

Dargaggoo Dararaa Molee konferensii YALI/Young African Leadership Intiative jedhamuu fi kan waggoota afur dura prezidaant Baaraak Obaamaa dhaan labsame irratti argamuuf as Gara Yunited Isteetes dhufe.

Biyya keessatti waggoota shanii fi misooma hawaasummaatti hirmaachuun kan hojjete si’a ta’u yeroo ammaa dhaaba harmee Education for Development Association, jedhamuu fi godina Arsii keessatti argamu keessaa qindessaa sagantaa ta’uun hojjeta.

Dhaabi kun dubartoota, ijoollee, dargaggootaa fi namoota qaamni isaanii hir’uu kanneen gandeen baadiyyaa keessa jiran gargaaruu irratti hojjeta.

Dargaggoo Dararaan garee “Youth for Action and Charity” jedhuuf dura taa’aa akkasumas waajjira mootummaa kan hojii fi dhimmootii hawaasummaa keessas hojjetee jira.

As gara Ameerikaa kan dhufe dargaggoota Itiyoopiyaa kuma lama gumii “YALI” irratti hirmaachuuf galmeeffaman gidduu dhaa kudha lama kan filataman yoo ta’u Dararaan tokko. Waa’een hooggantummaa ykn Leadership cimsee kan yaadachiisu daraggoon kun hoogganaa jechuun taayitaa irratti ol ba’anii taa’uu utuu hin taane uummata ofii ofitti qabanii rakkoo isaa hubachuun waliin hojjechuu dhaa jedha.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii guutu dhaggeeffadhaa