Gareeleen Wal Waraanan Walii-galtee Tolfatan

  • VOA

Mootummaan sudaan kibbaa fi mormitoonni jibbaan akka wal hin barbaanneef akkasumas dhukaasa dhaabinsaaf walta’iinsa irra ga’an hojii irra oolchuuf kan isaan gargaaru walii galtee tokko mallatessuu isaanii dura ta’aa Igaad kan ta’an mummichi ministeera Itiyoophiyaa Obbo Haayle Maariyaam Dassaaleeny beeksisan.

Gama lameen wali wajjin mootummaa ce’umsaa kan sadarkaa biyyoleessaa akka hundeessaniif bellami guyyaa afurtamii shanii qabameefii jira. Kan walii galtee kana danqu ykn cabsu kam iyyuu akka ammaan duraa callinsaan hin ilaalamuu jedhu Obbo Haaylee maariyaam.

Barreessa dureen Tokkummaa mootummootaa Baan Kii Moon gam lameen walii galtee kana hatattamaan hojii irra akka oolchaniif gaafatan.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa Guutuu caqasaa