Haleellaan Shoroorkeessotaa Gaggeeffamu Mala Jedhama

  • VOA

Finfinnee keessatti haleellaan shoroorkeessotaa gaggeeffamuu mala jechuun Embaasiin Amerikaa Finfinne irraa akeekkachisee jira.

Embasiin kun akka jedhetti gareen hidhatoota al shabab naannoo Boolee irratti akka qiyyaafatu gabaasi isa ga’ee jira.

Akeekkachiisi kun lammiwwan Amerikaaf akka of-eeggatan gochuuf kan ba’e dha jedhu Diyoop.

Lafa uummanni itti heddummaatu fi bakka lammiiwwan Itiyoophiyaas ta’e kan biyyoota gama dhiyaa yeroo baayyee deeman irraa lammiwwan Amerikaa akka of-eegan ibsi kun gaafatee jira.

Biyootii afriikaa hedduu kanneen looltoota isaanii gara somaaliyaatti erguun al-shabaab waraanaa jiran keessaa Itiyoophiyaan tokko ta’uun ni yaadatama.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa Guutuu caqasaa