Galmeen Jechootaa Haaraan Maxxanfame.

  • Jaallannee Gammadaa

Diikshinerii afaan Oromoo-Jarmanii

Diikshinerii afaan Oromoo-Jarmanii

Galmeen jechootaa ykn Diikshinariin Afaan Oromoo gara Afaan Jarmaniitti akkasumas Afaan Jarmanii gara Afaan Oromootti hiiku dhiiyeenya kana maxxanfamee jira. Barreessaa galmee jechoota kanaa kan ta’an Obbo Malkaamuu Dureessoo Hamburg Jarmanii irraa akka jedhantti hojii kana fiixaan baasuuf walii galaan waggootii kudha lama itti fudhate.

Galmeen jechootaa Fuula 566 qabu kun walii galaan jechoota kuma 30 ta’an of keessaa kan qabu ta’uun ibsamee jira. Kana malees waa’ee eenyummaa saba Oromoo fi Oromiyaa hubannaa kennuuf jecha barreeffamni fuula diigdama ta’u akka kutaa tokkootti galmee jechootaa kana keessatti barreeffamuu isaa Obbo Malkaamuu Dureessoo Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii barreessaa Dikshinerii Oromoo-Jarmanii