Bordiin Filannoo Kan Itiyoohpiyaa Hoggana Paartilee Mormituu Lama Irratti Murtii Kenne

Hoggana Paartilee mormituu lama ofii giddutti wal dhibdee qaban akka furataniif carraan kenname hin milkoofne jedha Bordiin Filannoo kan Itiyoophiyaa. Kanaafis jecha hoggana paartilee lameenii jiran keessaa hanga tokko filannoo keessatti akka hirmaataniif ehamee kanneen biroo immoo kan seeraan alaa ti jechuun ugguree jira.

Akka kanaanis Dhaabata Tokkummaa Guutummaa Itiyoophiyaa kan hogganan Obbo Ababaaw Maharii akkasumas paartii Tokkummaa Domokraasii fi Haqaa kan Obbo Tigistuu Awwaluu filannootti akka hirmaataniif murteesse jira. Kanneen murtii kana morman obbo Girmaa seeyfuu fi Obbo Maamusheet Amaaree hoggana paartilee lameenii irraa yaada kennaniin murtiin kenname kan siyaasaa ti. Paartii Itiyoophiyaa bulchaa jiruutu bordii filannootti ajaja kennee kana murteesiisa jedhan. Murtiin kenname deggersa seeraa kan hin qabnee fi loogii jabaa bordiin filannoo gaggeessu kan mirkaneesse jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa