OBBO BAQQALAA GARBAA HIIKAMAN

  • Jaallannee Gammadaa

Obbo Baqqalaa Garbaa

Itti aanaa dura ta’aa paartii mormituu Warraaqsa Federaalistii Dimokraatawaa Oromoo kan turan Obbo Baqqalaa Garbaa hidhaa waggaa sadii fi baatii torbaa booda kaleessa Bitooteessa 30 bara 2015 hiikamanii jiran. Himannaan shoroorkeessummaa irratti dhiyaatEe murtiin hidhaa waggaa saddeetiI eega irratti muramee booda ol-iyyannaa dhiyeeeffatanii turaniin gara hidhaa waggaa sadii fi baatii torbaatti gad cabeef. Akka seera Itiyoophiyaatti hidhaa na irratti murame sadii keessaa harka lama akkaan xumureetti mirgi gadhiifamuu naa kennamuutu irra ture kan jedhan obbo Baqqalaa Garbaa garuU kanas dhorkameen hidhaa na irratti murame xumuree ba’uuf dirqame jedhu.

Kaleessuuma yeroo gadhiifamuuf turantti illee eega baafamanii booda, waan qoratamuu qabuutu jira jechuun yeroof mana hidhaatti isaan deebisuu isaanii dubbatu Obbo Baqqalaan. Booda garuu magaalaa Finfinneetti si geessinee qoranna jedhanii Zuwaay irraa kokolaataa seennee Moojoo akka geenyeetti achuumatti na gadhiisan jedhhan. Akka Obbo Baqqalaan jedhantti himnannaan irratti dhiyaatee ittiin adabaman kan sobaa ta’uu fi ragaan dhiyaates qindeeffamee ta’uu dubabtanii jiru. Haallii fayyaa isaanii ogeessa wal’ansa fayyaan ilaalamuu kan fedhu ta’uus kan sadarkaa hamaa irra hin jirre ta’uu Raadiyoo Sagalee Amerikaaf Ibsanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii geggeedffame armaan gaditti caqasaa