Baqataa Trippoolii Keessaa Sagalee Dhukaasaa Gidduu Dubbatu

  • Namoo Daandii

Eega lammiwwan Itiyoophiyaa Kiristaanoonni soddomni, Libiyaa keessatti – hidhattoota Fiinxaaleyyii Islaamummaa, kan ISLAMIC STATE jedhamuun - walakkaan rasaasaan mataa irra rukkutamanii kaan gorra’amanii ajjeesamanii booda haalli Baqattoota Itiyoophiyaa Libiyaa keessaa maal fakkaata? Magaalaa Triippooiitti bilbillee, baqataa mana tokko keessatti natti cufamee dhokadheen, jira nuun jedhe argannee turre. Garuu, akkuma Namoon waliin dubbachuu jalqabeetti, dhukaasni qawwee lafa sochoose. Yeroo haga mutaaweef, walitti-dubbachuuf illee rakkisee ture.

Eega gaaffii fi deebii kana geggeessinee booda, haala isaa hubachuuf baqataa kanatti bilbillee turre. “Haalli isaa daran hammatee jira. Manoota irra deddeemanii baqattota guuraa jiru. Amma,dhokadhee of baasuu yaalaan jira. Isinitti haasa’uu hin danda’u, jedhe jedhe baqataan sun. Turree ennaa itti bibilu immoo namoonni fuula isaanii huccuu gurraachaan akka manneen irra deddeemanii namoota qabataa jiran nutti hime.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii geggeedffame armaan gaditti caqasaa