Dimookiraasii Fakkeessaa: Irreen-bultummaa fi Filannoo Itiyoophiyaa” – Mata-duree Walga’ii Paarlaamaa Awurooppaa keessatti geggeessamee

  • Namoo Daandii

UNPO

Jaarmayaan sadarkaa Addunyaa “Unrepresented Nations and Peoples Organization (UNPO)” yokaan Jaarmayaa Biyyootaa fi Uummatoota Bakka-bu’aa Hin qabnee, jedhamu, walga’ii guddaa jaarmayaalee adda addaa waliin waggaa waggaan geggeessu, ka bara kanaa, torban dabre – Caamsaa 23, bara 2015 Paarlaamaa Awurooppaa keessatti geggeessee jira.

Walga’ii kana irratti uummatoonni abbaa-biyyaa mirgi isaanii dhiitamee fi eenyummaamn isaanii dagatame, ka guutummaa Addunyaa irraa ka mariif dhihaatan yoo ta’u, haala Itiyoophiyaa keessaa ilaalchisee mariin geggeessame ‘Dimookiraasii Fakkeessaa: Irreen-bultummaa fi Filannoo Itiyoophiyaa’ mata-duree jedhu jalatti ka qindeessame ture. Miseensonni Paarlaamaa Gamtaa Awurooppaa, kanneen akka Julie Ward, Ana Gomes, Soraya Post, Jordi Sebastia fi Bodil Caballos walga’ii kanatti kan hirmaatan yoo tahu, dhaabota mormitootaa Itiyoophiyaa keessaa immoo kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadenii fi Ginbot 7 faa tu qooda fudhate. Qorattoonni fi Jaarmayaaleen mirga dhala-namaa illee walga’ii kana irraa qooda fudhatanii jiran. Deemsa marii sanaa irratti, hirmaattota keessaa hayyoota lama qophii keenya Dirree Dimookiraasii irratti haasofsiisnee jirra.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa