Joon Keeriin Keniyaa fi Somaaliyaa Daw’atan

  • VOA

Ministrii dhimma alaa Ameerikaa John Kerry fi Prezidantii Somaaliyaa Hassan Sheikh Mohammed

Keriin imaltuu isaanii yeroo jalqaban Keniyaa seenuun aangawoota biyyatti waliin waa’ee shoroorkeessotaa akkasumas baqatootaa kan ilaaleen kan mari’atan yoo ta’u gargaarsa dabalataa kan miliyoona hedduu Amerikaan Keniyaaf kan kennitu ta’uu keriin ibsaniiru. Baqatoonni mooraa Dadaab keessa jiran gara biyya isaantti deebisuuf aangawoonni keniyaa dhaadataa kan jiran yoo ta’u nageenyii keniyaa keessaa dhabamuu isaaf kan gumaachan qabu jechuun himatu.

Keniyaan baqattoota kuma dhibba ja’a caalaa keessummeessaa waan jirtuuf Keriin galateffatanii jiru.

Daw’annaa Somaaliyaa keessatti gaggeessan sa’atii afur kan hin caallee fi Dirree xayyaaraa keessatti aangawoota sadarkaa olaanaa ka biyyatti haasoofsisuun isaanii ibsamee jira.

Sadarkaa ministeera haajaa alaatti aangawaa Amerikaa ituu aangoo irra jiranii Somaaliyaa daw’atan isaan jalqabaa ta’anii jiran.

Ministriin danta alaa Amerikaa Joon keerii somaaliyaa yeroo seenan Embaasii Amerikaa Moqadishoo keessatti banuuf waadaa seenuun ture. Kana malees humnootii nageenya eegsisan kan Somaaliyaaf gargaarsa godhamu babal’isuu kan jedhu of keessaa qaba.

Yunaaytid steetes hidhata Diploomaasii somaaliyaa waliin qabdu bara 1993 kan dhaabde yoo ta’u waraana gamasii qabduus yeroo’uuma sana baaste .

Kunis Hidhatonni Helikoopptara Amerikaa Black Hawak jedhamu haleelanii looltoota 18 ajjesuun reeffa isaanii daandilee irra eega harkisanii booda.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa