Dubreen Oromoo Barnootaan Qaroo Taate Qalbii Sabaa Himaa Ameerikaa Hawatte

  • Jaallannee Gammadaa

Biiftuu Dureessoo

Ijoollee Oromoo bara kana barnoota sadarkaa adda addaatiin xumuruun as Yuunaayted Isteetis keessatti eebbifaman keessaa tokko kan taate Biiftuu Dureessoo kutaa New Yoork magaalaa Raacheste keessatti kan argamu mana barnootaa sadarkaa lammaffaa “Wilson magnet High school” jedhamu keessatti qabxii ol aanaa galmeessisteen guyyaa eebba sanaatti haasaa “valedictorian” ykn haasaa guyyaa ayyaana eebbaa akka gootu filatamtee haasaa dhageessistee turte.

Jaallanneen Biiftuu Dureessoo fi kan yeroo dheeraa dhaaf maamila radiyoo sagalee Ameerikaa sagantaa Afaan Oromoo ta'an abbaa ishee obbo Jamaal Abdullaahii haasofsiistee jirti.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii geggeeffame armaan gaditti caqasaa