Perezidaanti Obaamaan Itiyoophiyaan Akka Gaazexeessotaa fi Mormitootaaf Daran Waltajjii Bantu Gaafatan

  • VOA

Obama Africa Ethiopia

Perezidaanti Baaraak Obaamaa “Yunaayitid Isteets fi Itiyoophiyaan dhimmoota hedduu irrati michooma cimaa qaban” jedhanii, garuu Mootummaan Itiyoophiyaa, akka gaazexeessonnii fi paartiileen mormitootaa daran walabummaan hojjetan akka eyyamu gaafataa jiran.

Har’a, Finfinneetti – Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Obbo Haile-mariam Dessaalegyi waliin ta’uudhaan ibsa tuta gaazzexeessotaaf kennaniin – guddina dinagdee Itiyoophiyaa dinagdee dinqsiifachuudhaan, “ka namoota miliyoona hedduu iyyuma keessaa baase” jedhan.

Garee finxaalessa Somaaliyaa keessaa Al-Shabaabiniin waraanuu irrattis Itiyoophiyaan qooda guddaa gummaachuu ishee dubbatanii jiran – Obaamaan.

Muummicha-Ministaraa Haile-mariam waliin marii ifaa fi dhugaa geggeessuu isaanii ka dubbatan – Prezidaantichi Yunaayitid Isteets “gaazzexeessotaa fi sagalee mormitootaaf daran waltajjii banuun – ajandaa paarticha mootummaa