Ganzabee Dibaabaa Shaampiyoonaa Addunyaa 15essoo Beejingitti Metirii 1500 Mootee Itoophiyaa Warqii Badhaasifte

Genzebe Dibaba

Intalti maatii obboo Dibaabaa Qananii ta ganna 24,Ganzabee Dibaabaa barana kana marroo hedduu fiigichaan addunyaa moote.

Genzebe Dibaba

​Itoophiyaan gama dubraatiin dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa mooteetuu hin beettu.

Shaampiyoonaan Addunyaa dorgommi biyya fulaa bu’anii dorgomani rekoordii haaraa argachuu dorgomanii miti.Dorgommi atileetotii addunyaa bebeekamoon irratti wal dorgoman.

Obboleetiin Ganzabee Xurunesh Dibaabaa dorgommii Olompikiitit marroo sadii moote.Firii isii ka akka Daraartuu Tulluu faatilleen warra addunyaa fiigichaan afaan qabachiise.

Ganzabeen duruu dorgommi addunyaa gugurdoo mootee ammallee fiigicha Herculis,Monaakoo ka Adoolessa bara 2015 mootee rekordi haaraa harkaa qabdi badhaasa manaa qabdu irratti ammallee ta Beejingi, Chaayinaallee dabalatte.

Ganzabeen dorgommii guyyaa afreessoo tun dhumachuuf marsaan lama haftee jennaan dhiitte keessaa kaatee moote.

Namii isiitti aane Sifan Hassan,dhalootaan Itoophiyaa biyya Nezerlandisii fiifgdi, sadeessoon ammoo Keenyaa.

Ganzabeen ammallee iftaan,Hagayya 27,2015 irratti Metiri0 5000 irratti dorgomti.

Dorgmmii tun Sanbata,Hagayya 30,2015 dhumatti Keenyaatti warqii 4n dura jiraa Biritenitti sadiin lammeessoo,Jameyikaatti lamaan sadeessoo. Itoophiyaa, Eerita fi USA warqii tokko tokko qaban.

Itoophiyaan dorgommii guyyaa afressoo irratti waan guddoo argachuullee baatti akka obboo Duubee jilo jedhetti guyyaa hafetti waan hedduu abdatti.