Haqni Dhara Hin Qabu

  • Namoo Daandii

Sirna eebba CD walaloo Lataa Qana'ii

Hagayya 5, bara 2015, magaalaa Finfinne, galma aadaa Oromoo keessatti – CD-iin kuusaa walaloolee waloo Lataa Qana’ii bakka uummatni hedduun argametti eebbifamee gabaa irra oole. Akka qopheessitoonni qophii kanaa jedhanitti, maanguddootaa jalqabee haga ijoollee xixiqqootti uummatni hedduun, walaloolee Lataa jaallatanii fi dinqsiifatan argamanii jiran. Qophiileen bashannansiisan akka koomediilee gaggabaaboo fi walaloolee illee dhihaatanii jiran. Qindeessitoota qophichaa keessaa tokko ka ta’e – ogeessi Koomiyunikeeshinii, Obbo Gammadaa Olaanaa, uummatni hedduun galmicha keessatti walga’uuf kan baay’ee nu fayyade miidiyaa hawaasummaa keessumaa karaa Feesbuukii dhaamsawwanii fi beeksisawwan walitti daddabarsine, jedha. Waloo Lataa Qana’ii illee waa’ee waloolee isaa ennaa ibsu “walooleen kiyya jireenya hawaasaa yeroo ammaa argaa jirru irraa ka madde” jedha.

Your browser doesn’t support HTML5

Sirna eebba walaloo Lataa Qana'ii