Master Plaaniin Finfinnee Hojii irra ooluuf jedha jedhu mormitoonni

  • Namoo Daandii

Doktor Mararaa Guddinaa

Paartiin mormituu - Kongiresi Federaalawa Oromoo, jiraattonni magaalaalee Oromomiyaa keessaa kuma hedduun manneen isaanii irraa buqqisamanii, kaan immoo akka manneen isaanii doiigamu akeekkachiisne itti kennamee dhiphuu fi yaaddoo guddaa keessa jiru jedha. Ka baay’ee wal-mormisiisaa ta’ee fi hidhamuu fi du’uu namoota hedduuf sababaa ta’ee ture Maaster Plaaniin magaalaa Finfinnees akka hojii irra oolfamuuf deemu aangawoonni dhimmi isaa nu ilaala jedhan dubbatan jechuudhaan, yaaddoo isaanii ibsaa jiran hoogganoonni Paaticha Kongiresa Federaalawa Oromoo.

Akka Dr. Mararaan jedhanitti, magaalaalee akka Bifhooftuu, Amboo, Bulee Horaa fi Buraayyuu faatti ka jiraattoonni manneen isaanii irraa buqqissamaa jira. Ambo keessatti qofa manneen kuma kudhan ta’an tu akka diigaman akeekkachiisni itti kenname, ka jedhan Dr. Mararaa Guddinaa, irra hedduun isaanii akka karoora yokaan pilaanii magaalaatti hin ijaarranne, jedhamuun akka manneen isaanii diigamu kan itti himame ta’uu dubbatan.

“Ambo keessatti qofa manneen haga kuma kudhanii ta’an akka mootummaan jedhutti yeroo karoora malee ijaaraman sana maaliif callisanii dhiisanii Har’a buqqisuuf itti bobba’an?” jechuunis gaaffii dhiheessan. Akka ilaalcha isaaniitti, namoonni kun irra-jireeiin filannoo dabre irratti wanna mormitoota deggeraniif mootummaan waan haaloo itti ba’aa jiru fakkaata, jedhu. Himannaa paartii mootummaa kanaaf, mootummaa naannoo Oromiyaa fi Bulchiisa magaalaa Finfinnee irraa deebii argachuuf carraaqne ammaaf itti hin milkoofne. Ennaa deebii argannu ni dhiheessina.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii geggeedffame armaan gaditti caqasaa