“Balbala cufattee oolta,haga metirii tokko irraa fagaattee nama dubbifta, xaxattee namaan wallaanta"

Dr.Galma faatti namaan wallaanuun duratti u akkana xaxata

Your browser doesn’t support HTML5

Tana caqasaa

Dr.Galma Guyyoo ogeeyyota fayyaa addunya waliin ummata Laaybeeriyaa gargaaruuf Monorooviyaa ji’a sagala caalaa keessaa taa’ee waan asiin olitti barreessine sun jedhee nutti hime.

Laaybeeriyaa keessaa Eboolaan akka dhaabii Fayyaa Addunyaa,WHO jedhutti nama kuma hedduu fixe.

Dr.Galmii ogeeyyota fayyaa Waldaa Afrikaa waliin dhufee umamta sun gargaare.

Dr.Galma Guyyoo

Rakkoon Laayberiyaa guddoo ogeessa fayyaa hedduu qabaachu dhabuu,waan hedduu biyya alaati fidachuu fi nama barateef hedduu qabaachuu dhabuu.

Taatullee gama Eboolaatiin “dhukkuba kana ufi irraa dhowwuuf qophi jirti akka doktor Galmii jedhutti.

Gaafa Laayberiyaan EBOLA ufi irraa dhowwuuf manneen nyataa-dhugatii, mannene baranootaa, biirolee mootumaatii fi waan hedduu cufatte sunitti ummata keessa yaatanii barsiisuu fi ufiyyuu balaa irraa eeguun maan fakkaatti jennaan “gaafasi laftii akka malee hamtuu maan jennnaan gaafasuu namuu wal irraa ufi eegaa,huji galee jennaan namuu balbala hidhatee, taa’a, waan inni keessa oole hin beettuu namaan walti hin dhiyaattu.Waan haga metiri tokko irraa fagaattee nama dubbifta.”

Nyaataa dhugaati hoo? jennaan ammoo kaan manatti dhaabataa kaan ammoo hoteelii nyaataa jedha.

Yoo EBOLA irratti arganiin wallaan ammmoo wayaa akimii mataa haga miilaa xaxatanii nafa alatti bahuu ufi dhowwanii jiidha nafa namaa ufi hanqisaan ka dhibamee wallaanan jedha.

Dameen barnootaa Epidemiology,waan EBOLA ummata barsiisuu,sanyii dhukkuba sunii qorachuu fa.

Guyyaatti nama hagamiin wallaanta jennaan, ”guyyaatti nama 5-10 wallanaaan nama dhukuuba kana sehataniin cufaan dhufaniin adoo inni qabaachuullee baate guyyaa 21 tursitee achumatti qoratta.”

Tana malee “yoo nama dhiba kana qabu fakkaatu irratti argan namii akka isaa hedduutti jiraachuu dandahaa,namii kun eessa oolee,eessa bulee,eennuun walti dhiyaatee jenneen nama hedduu barbaanna.”

Dr.Galmii bara 2010 gaafa POLIO-n Ugaandaatti baafatte ummata gargaaruuf achi dhaqe egerilleen yoo wannii akkasii dhalatte ummata gargaaruuf qophii jirraa jedha.

Laayberiyaan biyya hiyyeetti Afrikaa gama Dhihaatiin garaba Atlaantik jala qubattu.